Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad agarsiisa Albuudaa Idil Addunyaa daawwatan

Finfinnee, Sadaasa 02, 2015(FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad agarsiisa Albuudaafi teekinooloojii “MINTEX” Idil Addunyaa guyyaa kaleessaa baname daawwatan.

Agarsiisichi guyyaa kaleessaa bakka Pireezidaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeefi hoggantoonni olaanoon biroo argamanitti Galma Barkumeetti banamuun isaa kan yaadatamudha.

Agarsiisa Albuudaa Ityoophiyaatti yeroo jalqabaaf baname kanarratti dhaabbileen 270 ol hirmaachaa jiraachuu ibsameera.

Agarsiisichi qabeenya albuudaa biyyattii beeksisuurratti gahee olaanaa qabaachuu eeramuu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.