Fana: At a Speed of Life!

Misoomni Ruuzii Oomisha yeroo gabaabaa keessaatti milkaa’ina argamsiisaa jiruudha – Pir. Shimallis

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2016 (FBC) – Inisheetiiviin Misooma Ruuzii yeroo gabaabaa keessaatti milkaa’ina argamsiisaa jiruuchuu Pireezindaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Inisheetivoota qonnaa “Karoora Xiiqii” booda labsamanii yeroo gabaabaa keessatti milkaa’ina argamsiisaa jiran keessaa misoomni ruuzii adda dureedha jedhan.

Waggaa tokko keessatti uwwisa lafaa misooma ruuzii dachaa 10 ol dabaluu danda’uun dhimma eeramuu qabuudha jechuun ibsaniiru.

Yeroo dhufutti, milkaa’ina gama uwwisa lafaa dabaluudhaan argame kana omishtummaa guddisuun akka lammeeffamu, rakkoo sanyii filatamaa, tajaajila eksiteenshiniifi hanqina heddummina gosoota sanyii “agro-ecology” adda addaaf oolu, akkasumas maashina ruuzii qulqulleessu ammumaa kaasuun akka furamu yaadachiisuun barbaada.

Kilaastaroonni hedduun daalachaa’aa kan jiran waan ta’eef qaamni dhimmichi ilaallatu hundi sassaabbii qisaasama callaa hir’dhisuuf akka ofqopheessu dhaamaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.