Fana: At a Speed of Life!

Misoomni Koriidarii magaalaa Harar jireenyaa fi Tuuriziimiif haala mijataa uume – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Bitootessa 3, 2017 (FMC) – Hojiin Misooma Koriidarii magaalaa Harar jireenyaa fi Tuuriziimiif haala mijataa uumuu ilaalleerra jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Hojiileen magaalichatti eegalaman qabeenya naannawaa badhaadhinaaf oolchuu, hawaasa qindeessuu fi murannoon hoggantootaa yoo ida’ame bu’aa galmeessuun akka danda’u agarsiiftuudha jedhan.

Harar akka fakkeenyaatti fudhachuun muuxannoowwan naannawaa jijjiiruuf dandeessisan fi kallattiiwwan 7 haala armaan gadiin dhiyaataniiru.

1.Murannoo Hooggansaa :- Harar caalmaatti kan jijjiire murannoo hoggansaati. galiin waggaa isaanii kan birootii gadi.baajanni hojii isaanii gadi aanaadha.Hogantoonni murannoon kan hafe guutuuf halkanii fi guyyaa hojjechuu fi humna qaban duguuganii fayyadamaniiru. Kanneen biro isaanirraa barachuu qabu.

2.Kuufama Qabeenya seenaa beekuun kunuunsuu:- Hararii fi naannawaan ishee qabeenya seenaa waggoota kuma caalu qabu.
Kuufama qabeenyaa kana beekuun daawwannaaf akka banaa ta’uu haala mijataa uumaniiru. Daandiin hojjetameera. Golhambaan ijaarameera. Hojiin qulqullinaa naannoo eeguu hojjetameera. Kunis kanneen biroof barumsa ta’uu qaba.

3. Naannawaa seenaa qabeeyyii ammayyeessuu:-Magaalota Itiyoophiyaa seenaa waggoota kumaa fi dhibbaa qaban akkamitti jijjiiruun akka danda’amu Harar fakkeenya taati. Jagool jijjiirameera.Daandiin keessa keessaa hojjetameera. Hojiin Suphaa Dallaa Jagool, hojiin ibsaa, manneen seenaa qabeeyyiin dulloomaan haaromsuuf hojii hojjetamaa jiru, Jagool yeroo hunda haaraa akka ta’u godheera. Magaaloota dullooman akkamitti akka jijjiiraman barnoota.

4. Kennaa addaa naannawaa Tuuriziimiif oolchuu:- Harar Magaalaa Namnii fi Bineensi Bosonaa tokkummaan keessa jiraataniidha. Kanaafis doo’iin Waraabeessaa agarsiiftuudha. Waggoota 100’n dura namoonni Harar daawwatan dinqisiifachuun barreessaniiru.Tee’aatirri Amfii Waraabeessaa ijaarameera. Kennaawwan addaa naannawaatti argamuu beekuun misoomsuu qabna.

5.Beekumsa naannawaa/mandhalee misooma Koriidaariif fayyadamuu:- Magaaloota tokko tokkotti meeshaaleen ibsaa daandiif oolan gatii olaanaan bitaman, warri Harar garuu naannawaa isaanitti oomishuun gatii salphaan argataniiru.
Rakkoolee suphaa Ibsaa Daandiin walqabatu, Warri Harar ofii oomishuun gatii salphaan hojii fooyya’aa hojjetaniiru. Hojii qaalii kan taasiisu qabeenyaa fi beekumsa haalan fayyadamuu dhabuudha.

6. Kennaa naannawaan, naannawa miidhagsuu:- Daandiin Keessa Keessaa Harar kan hojjetaman Dhagaa kurfeeffamaa Harariin. Kunis hojmaanni ijaarsaa Haaraan kan durii waliin akka walsimu taasiseera.

Dargaggootaaf carraa hojii uumeera, baasii xiqqaan hojii hedduun akka hojjetamu dandeessiseera, ce’umsa beekumsaa uumeera, naannawaa keenya yoo sirnaan miil’anne qabeenyi hedduun misoomaaf oolu jiru.

7. Bal’isanii yaaduu:- Bal’inni lafa Harar daraan xiqqoodha.Magaalaa Seena qabeettii ta’uu isheen dhiphinni iddoo jira. Iddoo dhiphoo kana kan bal’isu yaada bal’aadha. Fagoo kan dhiyeessu fageessanii ilaaluudha.Misoomni Koriidarii Magaalaa Hararis bal’aa kan ta’e ilaalcha kanaani.

Iddoowwan magariisaa, daandiin lafoo, Paarkiiwwan, Tee’aatiroonni Amfii fi kanneen biroo mul’atan kanaan hojjetaman kan dinqisiifamaniidha.

Bal’isanii yaaduun xiqqoo baay’isa, fagoo dhiyeessa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.