Fana: At a Speed of Life!

Misoomni Koriidarii Finfinnee daandiin Boolee xumurame – Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Adoolessa 25, 2016 (FBC) – Hojiin Misooma Koriidarii Finfinnee daandii Boolee xumuramuu Kaantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ibsan.

Daandii seense Afrikaa, Itiyoophiyaa fi Magaalaa Finfinnee kan ta’e Misoomni Koriidarii Daandii Boolee haala guddina magaalichaa madaaluun hojetamee xumuramuu Aadde Adaanech ibsaniiru.

Daandiin kun bakka dhaabbii Konkolaattotaa, daandii lafaa deemtootaa, Biskileettii, bakkeewwan magariisaa, bashannanaa, Fincaa’aawwan, bakka qulqullina ummataa kan guuttatee fi haala Pilaanii magaalichaa eegee ijaaramuun tajaajilaaf banaa ta’uu isaa Aadde Adaanech fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.