Fana: At a Speed of Life!

Misoomni hojiin malee hawwii fi ololaan hin dhugoomu – Obbo Shimallis Abdiisaa

 

Finfinnee, Caamsaa 26, 2013 (FBC) – Godina Baaleetti Proojektoota 60 Birrii Biiliyoona 3.2 oliin hojjetamaa turan keessaa Proojektoonni 57 xummuramuu ibsameera.

Godina Baaleetti Mana Baruumsa Ifa Boruu Roobee, dabalatee Proojektoonni garaagaraa har’a bakka Preezdaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallisa Abdiisaa fi Giiftii Dureen Zinnaash Taayyaachoo argamanitti eebbifameera.

Proojektoonni Ifa Boruu lammiilee kuma 50 oliif carraa hojii uumuu Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoo ibsaniiru.

Naannoo Oromiyaatti yeroo ammaa barattoonnii miiliyoonni 10 ol barnootarra jiraachuu himaniiru.

Tajaajila Lammummaa bara kana hojjetameen misooma barnootarratti hojiin Birrii biiliyoona 5.2 olitti tilmaamamu raawwatamuu Dooktar Tolaan ibsaniiru.

Naannoo Oromiyaatti kenna tajaajila Lammummaa fi Baajata Mootummaa naannichaan hojiilee misooma barnootaa 107 hojjetamaa jiran keessaa harki caaluu xummuramuun hojii eegaluu Preezdaantiin Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan dubbataniiru.

Qaamolee milkaa’ina hojiilee Proojektoota kanneenii keessatti qooda olaanaa ba’an galateeffataniiru.

ObboShimallis,mootummaan naannoo Oromiyaa qulqullina barnootaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoo addaan hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Waliigala bara kana qulqullina barnootaa mirkaneessuuf kenna tajaajila lammuummaa dabalatee Birriin biiliyoonni 12.7 ol baasii ta’uu obbo Shimallis dubbataniiru.

Mootummaan jijjiirramaa fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf proojektoota misoomaa adda addaa hojjechuun tajaajila hawaasaaf banaa taasiisaa jiraachuu ibsaniiru.

Magaalaa Roobeetti qofa Proojektoonni Birrii miiliyoona 3 olitti tilmaamamaniin hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Obbo Shimallis,misoomni hojiin malee hawwii fi ololaan hin dhugoomu jedhan.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.