Fana: At a Speed of Life!

Misoomni Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa kan dinqisiifatamuudha-Toonii Bileer

Finfinnee, Sadaasa 21, 2016 (FBC)- Kaka’umsaa Ministira Muummaa Dooktar Abiy Ahimadiin misoomni Ashaaraa Magariisaa gaggeeffamaa jiru fakkeenya akka ta’ee fi kan dinqisiifatamudha jedhan Ministirri Muummee Duraanii Ingiliz Toonii Bileer.

Toonii Bileer bakka argisiisa Ashaaraa Magriisaa Itiyoophiyaan yaa’ii COP28 irratti qopheessite daawwataniiru.

Bakka argisiisichaa erga daawwataniin booda yaada kennaniin Itiyoophiyaatti jijjiirama mul’ataa jiru tilmaamuun ulfaataa ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.

Bu’aa damee qonnaan argamsiisaa jirtuun garasitti sagantaan Ashaara Magariisaa jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuuf hojiilee olaanaa hojjechaa jirtuuf argisiistuudha jedhan.

Kanaan duras Qamadii alaa galchaa turtee, Ruuzii, Kuduraa fi Muduraarratti jijjiirama bu’uuraa fiduu fi oomishaa fi omishtummaa guddisuun alatti erguu danda’uun milkaa’ina galmeessuu kaasaniiru.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaan hojiilee Itiyoophiyaan hojjettee Afrikaarraa darbee addunyaaf fakkeenya ta’uu eeraniiru.

Gama biraatiin, Itiyoophiyaan argisiisaa “Green Zone” Dubaayirratti bakka argisiisaa Ashaaraa magariisaa qopheessiste kan dinqisiifatamuu fi kutannoo hoggansaa kan argisiisee ta’uu Sagantaa Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Daayrektarri Naannawaa Afrikaa Ahunaa Iziyaakoonwaan ibsan.

Ahunaa Iziyaakoonwaan bakka argisiisaa Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaan Yaa’ii COP28 irratti qopheessite daawwataniiru.

Argisiisichaan hojii dubbatamee hinquufamne kan argan ta’uu fi yerochi hojjechuu kan gaafatu waan ta’eef deeggarsi maallaqaa barbaachisu taasifamuu qaba jedhaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.