Fana: At a Speed of Life!

Misoomaa fi guddina waaraa fiduuf daraggoonni yeroo sirnaan fayyadamuu qaba-Dooktar Ergoggee Tasfaaye

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2016 (FBC)- Misoomaa fi guddina waaraa mirkaneessuuf dargaggoonni yeroo isaanii sirnaan fayyadamuu qabu jedhan Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoggee Tasfaayeen.

Koonfiraansiin dargaggootaa Oromiyaa mata duree Dargaggummaa humna jijjiiramaa, utubaa biyyaa fi abdii boriiti” jedhuun Magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira.

Konfiraansicharratti, Dooktar Ergoggee Tasfaayeen biyyattiitti, jijjiiramoota dameewwan diinagdee, siyaasaa fi hawaasummaan argaman itti fufsiisuuf hirmaannaan dargaggootaa olaanaa ta’uu dubbatan.

Kanaaf, dargaggoonni humna isaanii fayyadamuun guddinaa fi badhaadhummaa biyyaaf gahee isaanii akka bahatan gaafataniiru.

Walitti bu’iinsa naannawaa furuun biyya tasgabboftuu gama ijaaruutiin gaheen isaanii olaanaa ta’uus eeranii, mariin biyyaalessaa akka milkaa’uu fi gumaacha akka taasisan gaafataniiru.

Dabalataan hirmaannaan tajaajila tola ooltummaarratti qaban dabaluu akka qabuu fi sagantaa baranaan dargaggoonni humna, beekumsaa fi teeknooloojiin jijjiirama biyyaaf hojjechuu akka qaban dubbataniiru.

Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan gama isaaniin, dargaggoonni humna jijjiiramaa fi misoomaa ta’uu isaanii mirkaneessuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Hoggantoonni gurmaa’ina dargaggootaa, dubarttoota dabalatee dargaggoonni Naannoo Oromiyaarraa baba’an hirmaachaa jiraachuun ibsameera.

Saamu’eel Warqaayyootu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.