Fana: At a Speed of Life!

Misooma uummataaf cichoominaan hojjetamuu qaba – Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Mudde 18, 2016 (FBC) –Gaaffii misoomaa uummataa deebisuuf qindoominni cimuu qaba jedhan Pireezidaantii Ittaanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin.

Obbo Awwaluu Abdiin xumura waltajjii qorannoo raawwii hojii Mana Maree Nageenyaa godinaaleefi magaaloota kilaastara Bahaarratti kallattii kaa’aniiru.

Misooma uummataaf cichoominaan hojjetamuu qaba jedhan.
Pirojektoota eegalaman ariitiin xumuruu fi carraa hojii uumuuf ciminaan hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru.

Nageenya waaressuuf hawaasa hirmaachisuun qindoominaan hojjechuun cimee itti fufuu akka qabu Obbo Awwaluu Abdiin dubbachuu ragaan Waajjira Pireezidaantii Mootummaa naannoo Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.