Fana: At a Speed of Life!

Misooma Tuurizimii naannoo Sulula Qiinxamaa itti fufiinsaan mirkaneessuuf waltajjiin magaalaa Shashamanneetti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Muddee 16, 2013 (FBC) – Misooma Tuurizimii naannoo Sulula Qiinxamaa itti fufiinsaan mirkaneessuuf waltajjiin magaalaa Shashamanneetti gaggeeffamaa jira.
Waltajjii Tuuriziim Ityoophiyaan qophaa’e kanarrattii dhaabbileen dhimmamtootaa federaalaa, naannoo Oromiyaa fi bakka buutoonni ummataa hirmaataniiru.
Waltajichaan barreeffamni rakkoo haroowwan Shaalaa Abijaataa, Laangaanoo fi iddoolee ga’umsa Tuurizimmi sulula Qiinxamaa ijaaruuf ga’ee qooda fudhattootaa jedhu dhiyaachuun irratti mari’atameera.
Yaa’iinsa Tuuristii sulula Qinxamaa dadamqsuuf koreen waloo dhaabbachuu akka qabu eerrameera.
Hirmaattoonni waltajichaa Hara Dambalii fi Shaalaa ni daawwatu jedhamee eeggama.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.