Fana: At a Speed of Life!

Misooma sululaa lafa hektaara miiliyoona 3.3 irratti hojjechuuf karoorfameera-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Amajjii 6, 2016 (FBC)-Tajaajila Lammummaa fi caasaa mootummaatiin, misooma sululaa, eegumsa biyyee fi bishaanii lafa hektaara miiliyoona 3.3 irratti raawwachuuf karoorfamuu Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Pireezidaanti Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, dirqamni kunuunsa qabeenya uumamaa rog sadee ta’uu fi innis dirqama abbootii fi haadholii nu dhaalchisanii bahuu, dirqama dhaloota dhufuuf biyya jiituu fi magariisa taate dabarsuu fi dirqama ofiin ofiif bahuudha jedhan.

Akka dhaloota tokkootti, safuu itti fayyadama qabeenya umamaa eeguun barbaachisaa ta’uu kaasanii, dirqamoota kana dagachuu irraa kan ka’e, badii guddaan umama irra gahaa tureera; gatii olaanaa kaffalchiisuu ibsan.

Tarkaanfileen yeroo adda addaatti rakkoo kana maqsuuf taasifamanis jijjiirama barbaadame fiduun akka hindanda’amnee fi milkaa’uu dhabuun tarkaanfilee fudhatamaa turan duuba rakkooleen hanqina xiyyeeffannoo fi qindoominaa akka turan eeraniiru.

Mootummaan Jijjiiramaas rakkoolee kanneen furuun hojiitti seenuu eeranii hundaa ol, xiyyeeffannoon kennamee fi qindoominni hirmaannaa ‘Tajaajila Lammummaa’, ogeeyyii qonnaa fi hooggansa sadarkaan jiruu, milkaa’ina galmaa’eef qooddatoota murteessoo akka turan yaadachiisaniiru.

Bara kanas, muuxannoowwan baroota darbanii qindeessuun jijjiirama jiru caalmatti lafa qabsiisuuf qophiin barbaachisu hundi xumuramaa jiraachuu kaasanii baranas qaamolee hawaasaa miiliyoona 10 hirmaachisuun misooma sululaa, eegumsa biyyee fi bishaanii lafa hektaara miiliyoona 3.3 irratti, hojjechuuf karoorfamuu himaniiru.

Hojiin misoomaa sululaa kunis Birrii biiliyoona 10tti kan tilmaamau ta’uu eeraniiru.

Qaamolee hawaasaa, ogeeyyii qonnaa fi hoggansa milkaa’ina hanga ammaatti argameef gumaachan galateeffatanii sosochii eegumsa qabeenya umamaa bara kanaa, dhiyeenyatti labsamuuf akka of-qopheessan Pireezidaanti Shimallis waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.