Fana: At a Speed of Life!

Misooma qonnaa abaaboo irratti dhaabbileewwan beekumsaa ce’umsaa teeknoooloojii uumuu akka qaban eerramee

Finfinnee, Muddee 9, 2013 (FBC)- Koree dhaabbii  dhimmoota qonnaa, horsiisee bultootaa fi eegumsi naannoo Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa sochii hojii misooma qonnaa abaaboo Sheer-Ityoophiyaa daawwataniiru.

Dhaabbanni itti gaafatamummaan isaa murtaa’ee Sheer-Ityoophiyaan naannoo Oromiyaa Baatuu, Adaamii Tulluu fi Qooqaatti lafa heektara 650 irratti abaaboo oomishuun gara biyyaa alatti erguun kan beekamu yoo ta’u, hawaasa naannichaaf tajaajila inni laata jiru koreen dhaabbichaa daawwateera.

Daawwannichaan dhaabbatichi carraa hojii namoota kuma 12 fi 865 uumuusaa ibsameera.

Hoji gaggeessaa olaanaan waaldicha obbo Abarraa Maammoo akka ibsanitti, waldaa misoomaa kun ababoo oomishee biyyaa alaatti erguu dabalatee hawaasa naannoof gatii madalawaan dhiyeessuun akkasumaas daa’imman hojjettootaa waldichaa keessaa hojjetaniif tajaajila yaala fayyaa guutumma gutuutti bilisaan akka argataniif hospiitala sadarkaa isaa eeggatee ijaaree tajaajilaaf bana taasisuu ibseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.