Fana: At a Speed of Life!

Misooma qarqara hara laangaanoon namootaa 500 oliif carraa hojii uumamuun ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2016 (FBC)- Godina Arsii Lixaa, Aanaa Nageellee Arsiitti pirojektonni invastimeentii Qarqara Hara Laangaanootti argaman namoota 500 oliif carraa hojii uumuu Waajjira Investimentiifi Industirii Godinichaa ibse.

Itti Gaafatamtuun Waajjirichaa Aadde Addis Akkawaaq, mootummaan iddoowwan hawwata tuuriizimiif oolan misoomsuu bira darbuun carraan hojii akka uumamuu fi galii biyyaa dabaluun hojiilee guguddoo hojjachaa jiraachuu himan.

Pirojektotni investimentii qarqara Hara Laangaanootti argaman “Ija Laangaanoo”, “Saabaanaa” fi “Sol Gate PLC” jedhaman naannawichaa misoomsaa jiraachuu dubbataniiru.

Hoji Gaggeessaan Pirojektii Investimentii ‘Ija Laangaanoo’ Obbo Birhaanuu Kabbadaa, pirojektichi daawwattootaan daran filatamaa ta’uu himuun, ji’atti tuuristoonni alaa 200 ol akka daawwatan dubbatan.

Yeroo ammaa dhaabbatichatti namoota 85 oliif carraan hojii uumamuus himaniiru.

Pirojektiin Saabanaa fi “Sol_Gate PLC” jedhamanis namoota 315 oliif carraa hojii uumuun ibsameera.

Pirojektonni kunniin qooda fudhattoota godinichaa fi aanaalee godnichaan daawwatamaniiru.

Biqilaa Tufaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.