Fana: At a Speed of Life!

Misooma Naannoo Oromiyaa keessatti hojjetamu saffisaan milkeessuuf qabeenya horachuun murteessadha – Dooktar Girmaa Amantee

Finfinnee, Adoolessa 5, 2014 (FBC) – Misooma Naannoo Oromiyaa keessatti hojjetamu saffisaan milkeessuuf qabeenya horachuun murteessaa ta’uu,Sadarkaa itti aanaa Pireezidaantiitti Qindeessaan Kilaastera Horataalee Mootummaa naannoo Oromiyaa Doktar Girmaa Amantee himan.
Waajjirri kilaastera Horataalee Mootummaa Oromiyaa, raawwii hojii seekteraalee isa jala jiranii magaalaa Bishooftuutti qorataa jira.
Misooma naannoo Oromiyaa saffisiisuuf Qabeenya horatame sirnaan hogganuun barbaachisaa ta’uu, Dooktar Girmaa ibsaniiru.
Piroojektoota naannoo Oromiyaa keessatti kanaan dura harkifatanii fi haaraa eegalaman Birrii Biiliyoona 10 ol baasii gochuun xumursiisuun dandaa’ameera jedhame.
Dhaabbilee Misoomaa Naannoo Oromiyaa irraa bara kana galii Birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona dhibba 7 argameeraa jedhan Dooktar Girmaan.
Kilaastirri horataalee Mootummaa karoora qindaa’an hojii jajjabaa hojjechaa jiraachuus himuu isaanii OBN gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.