Fana: At a Speed of Life!

Misooma jallisiif addatti gorsitootaa fi kontiraaktaroota damechaa barbaachisa jedhame

Finfinnee, Sadaasa 3, 2015 (FBC) – Akkuma dameewwan misoomaa biroo gorsitootaa fi kontiraaktaroota damee misooma jallisii qofatti qabaachuun akka barbaachisu Ministeerri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii ibse.

Ministir Deetaan Ministeerichaa Dooktar Birhaanuu Leenjisoon waltajjiin gamaaggamaa fi leenjii qophii fi hordofii karooraa damechaa gaggeeffameerratti ministeerichi dameewwan misoomaa fi qorannoorratti bal’inaan hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Haaluma kanaan maallaqa pirojektootaaf ba’uun kan gituuu karoorri misooma damechaa akka qophaa’ee ibsanii, yeroo ammaa akka biyyatti bu’aa olaanaan argamaa jiraachuu himaniiru.

Keessumaa maallaqni invastimantii pirojektoota jallisiif ba’u, qonnaa jallisii babal’isuun oomishaa fi omishtummaa dabaluun bu’aa olaanaa argamsiiseera jedhan.

Damechi gorsitootaa fi kontiraaktaroota misooma jallisiirratti bobba’anii fi ga’umsa qaban akka barbaachisu eeramuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.