Misooma itti fufiinsaafi qulqullina qabu dhugoomsuun badhaadhina hundagaleessa milkeessuuf hojjetamaa jira – Obbo Hayiluu Addunyaa
Finfinnee, Caamsaa 1, 2015 (FBC) – Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa raawwii hojii Mootummaa Naannoo Oromiyaa bara 2015 hanga kurmaana 3ffaatti jiru irratti miidiyaaleef ibsa kennee jira.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa guddina ariifataa, itti fufinsaa fi qulqullina qabu dhugoomsuun badhaadhina hundagaleessa milkeessuuf hojjechaa jiraachuu Ibsicha Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa ibsaniiru.
Bara kana oomisha qamadii jallisii Bonaan lafa heektaara miiliyoona1.1 misoomsuun callaa kuntaala miiliyoona 38.5 argachuuf karoorfamee kuntaalli miiliyoonni 26.2 sassaabamuu himaniiru.
Qonna Arfaasaa bara 2015/16’n lafa heektara miiliyoona 1.12 misoomsuuf karoorfamee lafti heektaarri miiliyoonn1.2 misoomuu fi kanarraa callaa kuntaalli miiliyoonni 22.6 kan eegamu ta’uu dubbataniiru.
Xaa’oo kuntaala miiliyoona.7.7, sanyii filatamaa kuntaala miiliyoona1.04 dhiyeessuuf karoorfamee hanga kurmaana 3ffaatti xaa’oon kuntaalli, miiliyoonni 3.8 fi sanyiin filatamaan kuntaalli kuma 200 fi kumni 75 kan dhiyaachuu eeraniiru.
Xaa’oon dhiyaate keessaa kuntaalli2.05 raabsamuun ibsameera.
Tiraaktera 1116 dhiyeessuuf karoorfamee ji’a sagal keessatti Tiraakteroonni 541 dhiyaachuu Obbo Hayiluun himaniiru.
Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Ganna dhufuuf biqiltuu biil.4.9 qopheessuuf karoorfamee hanga kurmaana 3ffaatti biqiltuun biiliyoonni 4.6 qophaa’uu ibsa isaaniin dubbataniiru.
Namoota hojii dhabeeyyii miiliyoona1.76f hojii dhaabbbii, kuma 255f kan yeroo uumuuf karoorfamee walduraa duubaan namoota 1.67 (95%) fi kuma 458 ol (180%) carraan hojii uumamuu Obbo Hayiluun eeraniiru.
Pirojektoota invastimentii kuma 6 fi 309 simachuuf karoorfamee kumni 5 fi 833 simatamuu ibsaniiru.
Piroojektoonni kumn 3 fi 605 kaappitaala biiliyoona 186.283 galmeessisuu kaasaniiru.
Barattoota miiliyoona 7.5niif nyaata dhiyeessuuf karoorfamee hanga baatii sagaliitti barattoota miiliiyoona5.04’f nyaanni dhiyaachuu dubbataniiru.
Manneen Barnootaa Bu’uura Boruu kuma 6 ijaaruuf karoorfamee hanga kurmaana 3ffaatti manneen barnootaa kumni 5 fi 937 ijaaramuun xumuraman keessaa manneen barnootaa kuma 5 fi 870 keessatti adeemsi baruufi barsiisuu eegalamuu Obbo Hayiluun dubbataniiru.
Bahayiluu Baaneetu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.