Fana: At a Speed of Life!

Misooma Humna namaa Aviyeeshinii irraatti hojjechuuf waliigalteen mallatteeffame

Finfinnee, Amajjii 3, 2016 (FBC)-Misoomaa Humna namaa Aviyeeshinii irratti hojjechuuf Giruupiin Daandii Qilleensaa Itiyoophiya, Abbaa Taayyitaa Aviyeeshinii, Ministeera Hojii fi Ogummaa, Hunma Qilleensaa Itiyoophiyaa fi Kilabni Eeroo Itiyoophiyaa waliigalteen mallatteessan.

Sirna walii galtichaarratti Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufaariyaat Kaamiil, dhaloonni beekumsaa fi ga’umsa barbaachisaa qabaatanii damee Aviyeeshinii irratti akka hojjetan waliigalteen taasifame gumaacha olaanaa qabaata jedhan.

Daayrektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Aviyeeshinii Itiyoophiyaa Obbo Geetaachoo Mangisteen, egeree sirna aviyeeshinii addunyaa karaa barbaachisaa ta’een hogganuuf bu’uurri misooma humna namaa cimuu qaba jedhan.

Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Giruuppii Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa Obbo Masfiin Xaasawu gama isaaniin, aviyeeshinii addunyaa fi damee eeroo ispeesiin, Itiyoophiyaan humna nama barate baay’inaa fi qulqullinaan gumaachuu qabdi jedhan.

Akkasumas kanaan dura leenjiin Yuunivarsiitii Aviyeeshinii qofaatti akka kennamu daangeffamee ture barattoota dargaggootaa fi ol adeemtotaaf manneen barnootaa keessatti kennamuun, hubannoo jiru bal’isuuf hojii waloon hojjechuun murteessaa ta’uu kaasan.

Yaadicha kan maddisiisanii fi Hundeessaan Kilaba Eeroo Itiyoophiyaa Obbo Yoonaattan Mankir gama isaaniin, guddattootaa fi dargaggoota ijoollummaa isaaniirraa jalaala xiyyaara balaliisuu fi eeroo ispeesii qaban, beekumsaan guddisuun damichaaf ga’oomsuun, daa’imman mul’ata isaanii bira akka ga’an tumsuun kaayyoo hojiirra oolmaa waliigaltichaa ta’uu eeran.

Bu’uura waliigaltee kanaan, beekumsaa fi hubannaa aviyeeshinii manneen barnootaatti, koolleejjota, leenjii teekinikaa fi ogummaa akkasumas yuunivarsiitiiwanitti kan kennamu ta’uun ibsameera.

Mattaagas Ayyelinyitu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.