Fana: At a Speed of Life!

Misooma barnootaatiin daandii milkaa’inaa eegallee jira – obbo Addisuu Araggaa

Finfinnee, Caamsaa 12, 2013 (FBC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa Misooma Barnootaan milkaa’aa Jiraachuu Sadarkaa Itti aanaa Preezdaantiitti Qindeessaan kilaastera Hawaasummaa obbo Addisuu Araggaan himaniiru.
Egeree saba ifa gochuuf qaqabamummaa fi qulqullina barnootaa Oromiyaa fooyyessuu irratti xiyyeeffatame bara ibsaniiru.
Tarkaafiiwwan haaraa fudhatame kanaan milkaa’inoota hedduun galmaa’uus obbo Addisuun fuula feesbuukii isaanirratti ibsaniiru.
Milkaa’inoota seektara barnootaan galmaa’an keessaa hojiilee ijoo tarreessaniiru.
1.Magaalaa Finfinnee keessatti Afaan Oromootiin barnotni akka kennamu gaaffii ummata keenyaa kan yeroo dheeraa ture.
Gaafii kana deebisuuf hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee waliin qindoominaan hojjetameen yeroo amma barattootni 52,000 manneen barnootaa 55 keessatti Afaan Oromootiin barachaa jiru.
Kana malees, naannoo Beenishangul Gumuz fi Gaambeella keessatti gaaffii ummatni dhiyeesseen mootummaalee naannoo lamaani waliin tumsuun barnootni Afaan Oromootiin kennamu cimee akka itti fufu deggersi godhamaa jira.
2. Hariiroo Obolummaa naannoolee olla waliin qabnu cimsuuf, akkasumas Federaalizimii sab- daneessaa fi afdaneessa dhugaa ta’e ijaaruuf tattaaffi godhamaa jiru tumsuun godinaalee daangaa naannoolee ollaa keessatti barnoota Afaan Somaalee, Afaan Sidaama fi Afaan Affaar akka gosa barnootaa tokkootti jalqabme jirra.
3. Dhalootni haaraan aadaa, duudhaa fi eenyummaa isaa bekee , dhaloota ofitti amanu ta’ee akka qaramu taasisuuf Barnootni Sirna Gadaa akka gosa barnoota tokkootti kutaa 1-8ffaatti barsiisuun eegalameera.
4.Istaandaardii manneen barnootaa foyyeessuuf ganna darbe sosochii tajaajila lamummaatiin manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa kuma kudhan keessatti dareewwan dabalataa 34,247 ol hirmaannaa ummataatiin ijaaruun tajaajilaaf oolchinee jira.
Hojii kanaan reeshoon daree fi barataa akka Oromiyaatti 1:60 ture gara 1:40tti akka fooyya’u taasisee jira.
5. Manneen barnoota godinaalee gammoojii 5 fi Godina Addaa Naannoo Finfinneetti sagantaa nyaataa midhaanii hojii irra oolchudhaan barataan miliyoonotaan lakkaawaman fayadamaa ta’aniiru.
Hojii kanaan harcaatiin barattoota naannoo gammoojii akka hir’atu taasisee jira.
6. Pirojektii Ifa Boruutiin baajata birrii biliyoona 5 ramaduun manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa 100 ijaaruu, mannee barnootaa sadrkaa lamaffaa moodela 40 hundeessuu, manneen barnoota bultii addaa 7 ijaruuf karoori qabame milkaa’inaan xumuramaa jira.
Manneen barnootaa pirojektii ifa boruu hundi bara barnootaa dhufu hojii baruu fi barsiisuu ni eegalu.
7. Aadaa dubbisaa foyyeesuudhaaf manneen kitaabaa ummataa 375 hundeessinee jira. Kitaabota miliyoona 1.2 ol kadhannee walitti qabuun mannen barnootaaf rabsinee jirra.
8. Itti galli barumsaa firii barataatiin madaalama waant’eef, barataan keenya qabxiin galmeessaa jiru olka’aa dhufeera .
Fakkeenyaaf bara 2011 Baraoota kutaa 12 seensa barnoota ol’aanaa fudhatan keessaa akka naannoo Oromiyaatti 600 ol kan galmeessan barattoota 16 qofa turani.
Bara 2012tti immoo barattoota 152tu qabxii 600 ol galmeesise.
Walumaa galatti misooma barnootaatiin daandii milkaa’inaa eegallee jira jedhan obbo Addisuun.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.