Fana: At a Speed of Life!

Miseensotaa poolisii federaalaati jechuun meeshaalee waraanaa fayyadamuun namootaa yakkaa saamicha raawwatan to’ataman

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2014 (FBC) – Hordoffii addaa Poolisii Federaalaan sanadoota sobaa fi meeshaalee waraanaa fayyadamuudhaan namoota gurmaa’uun yakka saamichaa raawwachaa turan to’annoo jala oolchuu Poolisiin Federaalaa beeksise.
Poolisiin Federaalaa dhimmicha ilaalchisuun ibsa baaseen, shakkamtooni magaalaa Finfinnee bakkoota garagaraatti, meeshaa waraanaa hidhachuu fi waraqaa eenyummaa poolisii sobaa fayyadamuun poolisii fakkachuun yakka raawwachaa turuu eereera.
Namoota kanneenis to’annoo seeraa jala oolchuun qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu eerameera.
Haaluma wal fakkaatuun gochaalee yakka ittisuu fi nageenya lammiilee eeguuf Poolisiin Federaalaa Poolisii Magaalaa Finfinnee fi qaamolee nageenyaa biroo waliin ta’uun tarkaanfii cimaan fudhacha jiru kan itti fufu ta’uu mirkaneesseera.
Qaamolee gochaalee burjaajii uumuun hawaasa irraan miidhaa geessisan hawaasni wayita hubatuu eeruu qaamolee nageenyaaf kennuun qindominaa isaa duraanii akka bahatu gaafateera.
Namoota miseensa poolisii fakkaachuun gochaa seeraan raawwatan, uffannaa dambii poolisii isaa sirrii fi waraqaa eenyummaa sirrii adda baasuu akka qabuu hubachiiseera.
Yakkoota walfakkaataan wayita mudatus hawaasni karaa toorota bilbilaa +251115-52-63-03, +251115-52-40-77, +251115-54-36-78 fi +251115-54-36-81 akkasumas saraara bilisaa 987, 991 fi 816 eeruu kennuun walta’iinsa isaa akka cimsu gaafateera.
Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.