Fana: At a Speed of Life!

Miseensota Poolisii Oromiyaaf tajaajjilli yaalaa bilisaan kennamuufi

Finfinnee, Caamsaa 5,2012(FBC) – Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa fi Koomishiniin Poolisii Oromiyaa waliigaltee yaalaa bilisaa walii mallatteessan.

Miseensonni Poolisii Oromyaa fi Maatiin isaanii kiliniika Poolisii bakka hunda jiruu fi Hospitaala Poolisii Federaalaatti yaala bilisaa argachaa jiraachuun isaanii ni yaadatama.

Yaa ta’uutii tajaajjilli sadarkaa kanatti kennamaa ture tajaajila ga’aa akka hin turre ibsameera.

Koomishiniin Poolisii Oromiyaas rakkoo kana furuuf haala mijeessaa turuu isaa himameera.

Bu’uruma kanaan miseensonni Poolisii Oromiyaa bakka jiranitti Kiliniika, Buufata Fayyaa fi Hospitaalaa Mootummaa hundatti yeroodhaan osoo hin daangeffamin bilisaan tajaajila yaalaa akka aragatan walii galameera.

Komiishinarri Jeneraalaa Koomishinii Poolisii Oromiyaa Ararsaa Mardaasaa fi Itti aanaa hogganaa Biiroo Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa Dooktar Abdulqaadir Galgaloo walii galticha walii mallatteessaniiru.

Koomishinarri Jeneraalaa Koomishinii Poolisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasaa akka ibsanitti, Koomishiniin Poolisii Oromiyaa yeroo kamiiyyuu caalaa miseensota Poolisii Oromiyaatii fi Maatii isaanii cinaa ni dhaabbata jedhaniiru.

Itti aanaa Hogganaan Biiroo Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa Dooktar Abdulqaadir Galgaloo gama isaaniin Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa kallatii maraan Poolisii Oromiyaa cinaa kan dhaabatu ta’uu ibsaniiru.

Miseensoonni Poolisii Oromiyaa hojiirra jiran kamiyyuu maatii isaa waliin dhaabbata fayyaa Mootummaa kamittuu tajaajila yaalaa bilisaan kan argatu ta’uu himaniiru.

Tajaajilli yaalaa kun Poolisii Humna Addaa Oromiyaas kan hammatu ta’uu isaa ragaan Koomishiinii Poolisii Oromiyaarraa argame ni muul’isa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.