Miseensota humna addaa naannoo Hararii gara iddoo dirqama nagaa kabachiisuutti imalaniif gaggeessaan taasiifame
Finfinnee, Adooleessa 10, 2013 (FBC) – Miseensota humna addaa naannoo Hararii gara iddoo dirqama nagaa kabachiisuutti imalaniif har’a mootummaan naannichaa gaggeessaa taasiiseefira.
Preezdaantiin naannoo Hararii obbo Oordiin Badiriin diinaa keessaa fi alaa Ityoophiyaarratti dhiibbaa Uumaa jiran qolachuuf hirmaachuun keenya carraadha jedhan.
Miseensoonni ergama kanarratti hirmaattan itti boonuu qabdu jedhan sirna gaggeessichaarraatti.
Ergama biyyaalessaa miira olaanaan ba’uu akka qaban imaanaa dhaamuu isaanii ragaan Miidiyaa naannichaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.