Miseensoota humna addaa naannoo Somaalee dirqamarratti bobba’uun raawwii gaarii agarsiisaniif sadarkaan guddinaa laatame
Finfinnee, Onkololeessa 11, 2014 (FBC)- Miseensoota humna addaa naannoo Somaalee dirqamarratti bobba’uun raawwii gaarii agarsiisaniif sadarkaa guddinaa fi badhaasni laatameera.
Sadarka guddinaa fi badhaasichas preezdaantiin naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammaad laataniiru.
Jilli obbo Musxafeen durfamu miseensoota humna addaa naannoo Somaalee iddoowwan garagaraatti bobba’uun injifannoon deebi’ee daawwateera.
Daawwannichaanis Miseensoota humna addaa naannoo Somaalee dirqamarratti bobba’uun raawwii gaarii agarsiisaniif sadarkaan guddinaa fi badhaasni laatamuu miidiyaa naanniicha gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.