Fana: At a Speed of Life!

Miseensoonni Poolisii Federaalaa nageenyaa fi tasgabbii magaalichaa eeguuf halkanii fi guyyaa hojjetaa jiru

Finfinnee, Sadaasa 6, 2014 (FBC)- Hoggantoonnii fi miseensoonni Poolisii Federaalaa nageenyaa fi tasgabbii magaalaa Finfinnee eeguuf halkanii fi guyyaa hojjetaa jiraachuu ibsameera.

Miseensoonni Poolisii Federaalaa gareewwan shororkeessaa ABUT fi Shanee barbadeessuu dabalatee nageenyaa fi tasgabbii magaalaa Finfinnee humnoota badiirraa eeguuf halkanii fi guyyaa hojjechaa jiraachuudha kan ibsame.

Gareen shororkeessaa kunneen iddoowwan weeraran gadi lakkisanii hanga ba’anitti duulli birmaddummaa biyyaa cimee kan itti fufuu ta’uu hoggantoonnii fi miseensoonni poolisii federaalaa, duulicha milkeessuun lubbuusaanii aarsaa gochuuf murannoo kan qaban ta’uu himaniiru.

Hawaasni deeggarsi humnoota nageenyaaf taasisuu nageenya magaalichaaf shooraa olaanaa akka qabu ibsuun, deeggarsi taasifamuu cimee akka itti fufuus gaafachuu ragaan Poolisii Federaalaarra argamee ni muul’dhisa.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.