Fana: At a Speed of Life!

Miseensoonni Komishinii Dhimmoota Eenyummaa fi Daangaa Bulchiinsa obbo Ristuu waliin mari’atan

Finfinnee, Muddee 23, 2012 (FBC) – Miseensoonni Komishinii Dhimmoota Eenyummaa fi Daangaa Bulchiinsa Itti Aanaa Preezdaanti obbo Ristuu Yirdaw waliin dhimmoota naannoo fi biyyaalessaarratti mari’ataniiru.

Obbo Ristuu Yirdaw naannoon kibbaa bakka argama sabaa fi sablammoota hedduu waan taateef biyya keenyaaf fakkeenya sab-daneessa ta’uu eeraniiru.

Waggoota darbaan naannichaatti rakkinoonni nu mudatan hedduun yoo jiraataniile, tokkumaa keenya cimsinee waliin dhaabachuu waan dandeenyeef saboota gidduutti hariiroo gaarii uumuu dandeenyeerra jedhan.

Walitti qabaan Komishinii Dhimmoota Eenyummaa fi Daangaa Bulchiinsa Dooktar Xaasaw Gabree waltajjii marichaarratti akka ibsanitti komishinichi labsiin erga hundaa’e eegalee ijaarsa keessoo isaa cimsuun sochii eegaluu himaniiru.

Miseensoonni komishinii gama isaaniin biyya cimtuu ijaaruu fi sab-daneessii akka cimuuf carraaqqiin naannichi taasise waan jajjabeeffamudha jedhan.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.