Fana: At a Speed of Life!

Miseensoonni fi hojjattoonni manneen maree bakka bu’oota uummataa fi federeeshinii deeggarsa raayyaa ittisa biyyaaf qaban ibsan

Finfinnee, Sadaasa 8, 2013 (FBC)- Miseensoonni fi hojjattoonni manneen maree bakka bu’oota uummataa fi federeeshinii deeggarsa raayyaa ittisa biyyaaf qaban ibsaniiru.

Miseensoonni fi hojjattoonni manneen maree bakka bu’oota uummataa fi federeeshinii sagantaa ‘Raayyaa Ittisa Biyyaaf nan dhaabbadhaa’ jedhun deggarsa isaanii muul’dhisaniiru.

Sagantichaarratti Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasaa Caafoo fi Af Yaa’iin Mana Maree Federeshinii obbo Adaam Faaraah akkasumaas miseensoonni fi hojjattoonni mana maree lamanii hirmaataniiru.

Hundi bakka jiraanitti daaqiqa tokkof harka isaanii lapheesaanii bitaarra ka’un dhaabbachuun kabaja raayyaa ittisa biyyaaf qaban muul’dhisaniiru.

Dabalataniis harka isaanii osoo adda hin kutiin daqiiqaa tokkof walitti rukutaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya

https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo

https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.