Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa pirojektii “Adwaa Zeeroo” daawwatan

Finfinnee, Guraandhala 17, 2015 (FBC)- Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Finfinneetti kan ijaaramaa jiru pirojektii “Adwaa Zeeroo” daawwatan.

Pirojektiin lafa heektaara 3.3 irratti ijaaramaa jiruu fi gamoo abbaa darbii shanii, injifannoo Adwaa, gootota Ityoophiyaa fi teessuma lafa Adwaa akkaataa agarsiisuun ijaaramaa jira.

Pirojektichi ka’umsa Kiiloo Meetira Zeeroo Adwaan kan moggaafame giddugaleessa ka’umsa tokkummaatti fudhatamee lakkaa’amuun ta’uu kan himame yoo ta’u, baatii Onkoloolessaa bara 2016 ni xumurama jedhamee eegama jechun TOI gabaaseera.

Pirojektichii seenaa injifannoo haalaa argisiisuun, gaarreen Adwaa, abbaa fardaa, yaadannoo kabaja dubartootaaf moggaafame, gjiddugaleessa tokkummaa, yaadannoo walabummaa Afriikaa akkasumas imala gootota Itiyoophiyaa fi balbala seensaa shan akka qabu eerameera.

Galma Walgahii Mana Maree Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee dabalatee, galma namoota kuma lamaa ol qabatu, bakka dhaabbii konkolaattota kuma tokkoo ol qabatu, iddoowwan bashannanaa, bakkeewwan ispoortii, sinimaa fi tajaajila egzibiishinii of keessaa qabudha.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.