Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni Poolisii Doolaara kuma 3 fi dhibba 9 lafaa argan deebisan

Finfinnee, Muddee 6, 2014 (FBC) – Miseensonni Poolisii magaalaa Finfinnee 4 Doolaara kuma 3 fi dhibba 9 lafaa argan deebisuu ibsame.

Miseensonni poolisii Ittaanaa Inispeektaraa Zanabaa Isheetuu, Daagiim Girmaa fi Saajiin Olaanaa Alamnash Girmaa jedhaman miseensota buufata poolisii naannoo Aqaaqii yoo ta’an hojii eegumsaarra osoo jiranuu feestaala kosiin itti gatame keessatti Doolaara kuma 1 fi dhibba 9 arguun buufata poolisii naannichaatti kennuu ibsameera.

Bifuma walfakkaatuun Ittaantuun Saajiin Birtuu Muudaa naannoo buufata poolisichaatti Doolaara kuma 2 maaskiin marame lafaa argitee buufata poolisichaatti kennuu himameera.

Miseensonni poolisii kunneen amanamummaan tajaajiluun imaanaa mootummaa fi uummatarraa kennameef ta’uu ibsuun gocha raawwataniif gammaduu dubbataniiru.

Fuuldurattis gocha isaanii kana cimsanii kan itti fufan ta’uu ibsuu isaanii ragaan Komishinii poolisii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.