Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni MMBU Biqiltuu dhaaban

Finfinnee, Adoolessa 12, 2016 (FBC) – Miseensoonni Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa sagantaa Ashaaraa magariisaa bara kanaa mata Duree “Biyya Bu’uuressu Dhaloota Waaressuu “jedhuun gaggeeffamaa jirun magaalaa Finfinneetti biqiltuu dhaabaniiru.
Saganticharratti Itti Aantuun Af Yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Aadde Loomii Badhoo fi Hoggantoonni Olaanoo Mana Marichaa, Miseensoonni fi Hojjettoonni waajjirichaa waloon ta’uun biqiltuu dhaabuun ibsameera.
Miseensoonni kunneen Magaalaa Finfinnee Kutaa magaalaa Aradaa, Misooma Kooriidarii Daalattii gara Magganaanyaa geessuu fi Naannawaa magariisaa Qabbannaa haaraa qophaa’aa jirutti biqiltuuwwaan gosa garaagaraa kuma 3 fi 600 ol dhaabuun himameera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.