Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni Mana marichaa Godina Jimmaatti Buna kilaasteraan misoomaa jiru daawwate

Finfinnee, Caamsaa 10, 2016 (FBC) – Miseensonni Koree Dhaabbii Dhimmoota Qonnaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Godina Jimmaatti Buna Kilaasteraan misoomaa jiru daawwateera.

Miseensoonni kunniin qonnaan bultootaafi ogeeyyii qonnaa naannoolee garagaraa waliin ta’uun Kilaastera Bunaa aanaalee Goommaafi Geeraatti misoomaa jiru daawwataniiru.

Daayirektarri Abbaa Taayitaa Bunaafi Shaayii Dooktar Addunyaa Dabalaa gama isaaniitiin, Bara darbe Buna toonii kuma 200 gabaa addunyaaf dhihaachuu fi bara kana ammoo Buna gabaa addunyaaf dhiyaate gara toonii kuma 300tti ol guddachuu ibsaniiru.

Kana irraayis galiin Doolaarri Biiliiyoonni 1.4 argamuu eeraniiru.

Daawwannaan taasifame muuxannoo babal’isuun galii damecha irraa argamu dabaluuf ni gargaara jedhaniiru.

Muktaar Xahaa fi Amiin Abdallaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.