Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni Mana marichaa Aadde Adaanech Abeebeef beekamtii kennan

Finfinnee, Adoolessa 14, 2016 (FBC) – Dubartoonni Miseensa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Kantibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeef badhaasaa fi beekamtii kennaniiru.

Dubartoonni miseensa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa misooma Koriidarii magaalaa Finfinnee daawwataniiru.

Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen qaamolee hunda hirmaachisuun hojii cimaa hojjetaniif miseensonni kunneen badhaasaa fi beekamtii kennaniifiru.

Beekamtii fi Badhaasni kun kan koof osoo hin taane qaamolee hojicha milkeessuuf halkaniif dhama’aa jiran hundaati jedhan Aadde Adaanechi.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.