Miseensonni Kaawunsilii Waldaalee Kiristaanaa Warra Wangeelaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa daawwatan
Finfinnee, Bitootessa 6, 2016 (FBC)- Miseensonni Kaawunsilii Waldaalee Kiristaanaa Warra Wangeelaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa daawwataniiru.
Daawwannicharratti kanneen hinrmaatan maqaa gaarii biyyaa ittifufsiisuu fi tokkummaa biyyaaf dhaabbachuun dhimma murteessa ta’uu kaasaniiru.
Tokkummaan yoo hinjiraanne kan hinqabne uumuun hafee qabeenya qabnu gonkumaa itti fayyadamuu akka hindandeenyu eeranii, tokkummaa qabaannaan garuu qabeenya jirutti fayyadamuun, waan hinqabne uumuun ni danda’ama jedhaniiru.
Pireezidaantiin Waldaa Kiristiyaanaa Warraa Wangeelaa Makkanaa Yesuus Itiyoophiyaa fi Miseensi Kaawunsilichaa Lubni Dooktar Yoonaas Yiggazuun, Paarkiin Tokkummaa fi Yaadannoon Injifannoo Adwaa maqaa gaarii biyyaa ijaaruutti dabalataan dhaloonni biyya isaatti akka boonuu fi gahee isaa akka bahatu imaanaa jedhaniiru.
Yaadannoon Injifannoo Adwaa dhaloonni seenaa walbuuse sirreessuuu qofaa utuu hintaane marii biyyaalessaa eegalameef dandeettii tumsa akka ta’uus ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.