Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni Koree Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa giddu gala Horsiisa Gaalaa Faafanitti argamu daawwataniiru

Finfinnee, Fulbaana 29, 2015 (FBC) – Miseensonni Koree Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa giddu gala Horsiisa Gaalaa ammayyaa Godina Faafanitti argamu daawwataniiru.

Miseensonni kunneen dheengadda magaalaa Jigjigaa galuun isaanii kan yaadatamuudha.

Walga’ii idilee Koree Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa Jigjigaatti gaggeessaniin kallattiiwwan garaagaraa kaa’aniiru.

Walga’icha cinaatti giddu gala horsiisa Gaalaa Ammayyaa naannoo Somaalee Godina Faafanitti argamu daawwachuu isaanii ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Bifuma walfakkaatuun miseensonni kunneen Godina Shabeelayittis misooma Kuduraa fi Muduraa daawwataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.