Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni garee shororkeessaa Alshabaabii fi IS 14 to’atamuu Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyoolessaa beeksise

Finfinnee, Sadaasa 5, 2013 (FBC) – Miseensonni garee shororkeessaa Alshabaabii fi IS 14 to’atamuu Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyoolessaa beeksise.

Humnoonni badii kanneen magaalaa Finfinnee fi naannolee biyyattii addddaatti gochaa shororkeessaa raawwachuuf qophiirra turan jedheera.

Badicha qaqqabsiisuuf karoora bafachuun haleellaa miidhaa qabeenyaa, namaa fi maqaa gaarii biyyaaa balleessuuf qophii taasisaa turan jedheera tajaajilichi.

Miseensonni garee shororkeessaa idil addunyaa kanneen qonnamtii biyya alaa fi keessaa kan qaabanidha.

Ergama isaanii raawwachuuf meeshaalee qunnamtii fi addaddaa waliin hordoffii irraatti taasifaamaa tureen qabamaniiru.

Garicha to’achuuf Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyoolessaa, Poolisii Federaalaa, Poolisii Finfinnee, qindoomina qaamolee nageenyaa naannoo Amaaraa, Oromiyaa fi Somaalee waliin hojjetamaa turuun ibsameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.