Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni Diyaaspooraa sodaa malee akka socho’an qophii ga’aan taasiifame – Poolisii magaalaa Finfinnee

Finfinnee, Muddee 16, 2014 (FBC) – Miseensonni Diyaaspooraa magaalicha keessaa sodaa malee akka socho’an qophii ga’aan taasiifamuu Komishiniin Poolisiin magaalaa Finfinnee beeksiise.

Diyaaspooraa gara biyyaa dhufan iddoolee socho’anitti sodaan nageenyaa akka isaan hin quunnamne qophii ga’aan taasiifamuu Komishinichi ibseera.

Waamicha Diyaaspooraa miiliyoona 1f taasiifame hordofee lammiileen Ityoophiyaa, dhalattoonni fi michuuwwan biyyattii gara biyyaa galaa jiraachuu ibsameera.

Miseensonni kunneen Magaalicha keessa sodaa nageenyaa tokko malee akka socho’aniif qophiin ga’aan taasiifamu itti gaafatamaan hariiroo ummataa Komishiniichaa Komaandar Faasikaa Faantaa ibsaniiru.

Daandii Qilleensaa eegalee hanga Hoteeloota, iddoolee bashannanaa, giddu gala daldalaa, Geejiibaa fi iddoolee birootti rakkoo malee akka socho’an qophiin barbaachisu taasiifamuu himaniiru.

Maddi:- TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.