Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni Diyaaspooraa Oromiyaa Adaamaatti pirojektoota misoomaa daawwatan

Finfinnee, Hagayya 24, 2016 (FBC)- Miseensonni diyaasporaa Oromiyaa pirojeektoota misoomaa Magaalaa Adaamaatti hojjetamaa jiran daawwateera.

Kantiibaan Magaalaa Adaamaa Obbo Haayiluu Jaldee miseensota diyaaspooraa kanneen simataniiru.

Waamicha mootummaan taasisee hordofee gara qe’ee keessaniitti baga nagaan dhuftan jedhanii, diyaasporaan gara biyya isaatti dhufee waa’ee biyya isaa akka beeku, ogummaa isaan biyya akka tajaajilu, hojii invastimantiirratti akka bobba’aniif haalonni heduun mijeeffamaa jiraachuu Obbo Haayiluun kaasaniiru.

Adaamaa, magaalaa industirii fi tuuriiziimiif mijattuu ta’uu kaasanii, carraalee jiran kanneenitti fayyadamuu akka qaban dhaamaniiru.

Miseensonni Diyaaspoorraa kunneen gamoo Kompileeksii Bulchinsa Magaalaa Adaamaa ijaaramaa jiru daawwateera.

Gamichi aadaa fi duudhaa uummata Oromoo haala calaqqisiisuun ijaaramuun ibsameera.

Pirojektichi seektaroota Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa 18 kan of keessatti qabachuu danda’auu fi lafa hektaara 13’rratti ijaaramuun eerameera.

Daagmaawwii Deeksisaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.