Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni dhaabbii qulqulluu Sinoodoosii kibxata dhufu bulchiinsa magaalichaa waliin ni mari’ata

Finfinnee, Gurraandhala 4, 2014 (FBC)- Miseensonni dhaabbii qulqulluu Sinoodoosii kibxata dhufu bulchiinsa magaalaa Finfinnee waliin kan mari’atu ta’uu ibsame.

Mana Amantaa Tawaahidoo Ortoodooksi Ityoopphiyaatti, Sinoodasiin dhaabbii qulqulluu, Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee waliin mari’achuuf guyyaa har’aatti  beellamni qabamee turuun isaa ni yaadatam.

Sababa walga’iin Mana Maree Magaalaa Finfinnee guyyaa kaleessaa eegalame har’as itti fufeef Kantibaan magaalichaa aadde Adaanach Abeebeen akkaataa beelama qabameen argamuu kan hin dandeenye ta’uu Waajjirri Kantiibaa Magaalaa Finfinnee ibseera.

Jilli Ittaanaa Kantibaa Magaalichaan durfamu Waajjira Paatriyaarkiitti argamuun, haala marii itti aanutti mari’achuun danda’amurratti miseensoota Sinoodoosii Dhaabbii Qulqulluu waliin marii gaarii taasisuu ibseera.

Haaluma Kanaan marii waloo taasisuuf Kibxata dhufutti beellama qabachuu ragaan Waajjira Kantiibaa Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.