Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni biyyoota Garee 20 Gamtaa Afrikaaf teessoo miseensummaa dhaabbiin akka kennan waliigalan

Finfinnee, Qaammee 2, 2015 (FBC)- Miseensonni biyyoota Garee 20 Gamtaa Afrikaaf qixa Gamtaa Awurooppaa teessoo miseensummaa dhaabbiin akka kennamuuf waliigalan.

Murtechis, biyyoota 55 kan qabu Gamtaan Afrikaa afeerraa dhaabbatummaa idil addunyaa keessa ba’uun, qixa Gamtaa Awurooppaa sadarkaa walfakkaataan ni kennama jedhameera.

Pireezidaantiin jijjiiramaa garee 20 kan ta’an Pireezidaantiin Hindii Naraandiraa Moodiin dureewwan biroof Gamtaa Afrikaa garichi miseensummaan akka simatan baatii Waxabajjii keessa xalayaan walitti qabamuun isaanii eerameera.

Yeroo ammaas Gamtaa Awurooppaa dabalatee biyyootaa 19 kan hammate biyyoonni miseensa garichi oomisha biyya keessaa idil addunyaa %85 yoo qooddatan, %75 ol ammoo daldala addunyaa fi ummata addunyaa harka lama 3ffaa kan qooddatan ta’uun ibsameera.

Miseensa Garee 20’n kan taatee fi Gamtaan Afrikaa miseensa ta’uu kan deeggartu Afrikaan Kibbaa yaa’ii dureewwan Deelhii dursuun yaadaa kennuurraa of qusachuun eerameera.

Dubbii Himaan Pireezidantii Afrikaa Kibbaa Viinseenti Maagiweeniyaa “Yaa’ichi beeksisa ifaa hanga baasutti yaada hinkenninu” jechuu isaanii Sunday Times gabaaseera.

Biyyoonni akka Jarman, Biraaziil, Afrikaa Kibbaa fi Kanaadaan miseensummaa Gamtaa Afrikaa kan deeggaran yoo ta’u, yaa’ii dureewwan biyyoota miseensota Garee 20 gaggeeffuun ni beeksisu jedhamee eegama.

Miseensummaan Gamtaa Afrikaa dhaabbii kan ta’u bara dhufu Biraazil wayita dursummaa garichaa Hindiirraa fuututti akka ta’e gabaasichan eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.