Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni ABO shanee 32 hidhannoo guutuu waliin harka kenneen

Finfinnee, Hagayyaa 13, 2012 (FBC) –Godina Gujii Lixaa aanaa Galaanaatti miseensoonni ABO shanee 32 hidhannoo guutuu waliin mootummaatti harka of kennaan.
 
Miseensoonni kunneen ergamoota garaagaraa fudhatanii socho’aa kan turan ta’uu ibsameera.
 
Humna waraanaan ummata naannichaa bilisa baasuun hin danda’amu waan ta’eef rakkoolee jiru mariin furuuf harka laachuu isaanii miseensoonni kunneen himaniiru.
 
Kaayyoon ABO shanee lubbuu balleessuu fi bu’uraalee misoomaa mancaasuu waan ta’eef gocha kana keessatti himaachuuf fedhii hin qabnu jedhan.
 
Akkasumas gochaan Shanee aadaa fi safuu Oromorraa kan fagaate ta’uu himaniiru.
 
Abbootiin Gadaa fi Qaalluwwan ABO shaneen karaa nagaan akka qabsaa’u waamicha dhiyeessuu isaanii yaadachiisaniiru.
 
Bulchaan Godina Gujii Lixaa obbo Tafarii Wandifaraaw gama isaaniin qaamoolee maqaa Oromoon bosona daheeffatanii lubbuu gaaga’an, qabeenya mancaasanii fi bu’uraalee misoomaa barbadeessan ammaan booda obsa hin qabnu jedhan.
 
Beekaniis ta’ee osoo hin beekin namoonni gara ABO shaneetti makamuun yakkoota garaagaraa raawwataa turan kaayyoo isaanii erga hubatanii gara jireenyaa nagaatti deebi’aa jiraachuu obbo Tafariin himaniiru.
 
Maddi:-TOI
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.