Fana: At a Speed of Life!

Mirgi Himatamuu dhabuu Kantiibaa duraanii Magaalaa Hawaasaa Tsaggaayee Tukkee kaafame

Finfinnee, Onkololeessa 19, 2016 (FBC)- Manni Maree Naannoo Sidaamaa yaa’ii ariifachiisaa har’a gaggeessaa jiruun mirga himatamuu dhabuu miseensota sadii kaaseera.

Miseensonni mirgi himatamuu dhabuu isaanii kaafamanis, Kantiibaa Duraanii Magaalaa Hawaasaa Tsaggaayee Tukkee, Abarraa Areeraa fi Tasammaa Daangushee ta’uu ragaan Waajjira Pireezidaantii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Hogganaan Biiroo Haqaa Naannichaa Obbo Mattoo Maaruu akka ibsanitti, Obbo Tsaggaayeen wayita aangoorra turanitti pirojektoota guguddaa Magaalaa Hawaasaatti hojjetamaan caalbaasii malee kennuu, pirojektoonni kunneen gatii olka’aan akka ijaaraman taasisuu, qabeenyi ummataa akka qisaasa’uu fi bakki invastimantii isiiniif kennama jechuun seeraan ala maallaqa fudhachuun qorannoon mirkanaa’uu ibsaniiru.

Akkasumas Obbo Abarraa Areeraa fi Obbo Tasammaa Daangushee haaluma walfakkaatuun kantiibaa duraanii magaalichaa waliin ta’uun qabeenyi ummataa akka qisaasamu tumsuu qorannoon mirkanaa’uu Obbo Mattoon Maaruun mana marichaaf ibsaniiru.

Manni maree naannichaas mirga himatamuu dhabuu miseensota sadeenii akka ka’uu fi seeraan itti gaafatamoo akka ta’aniif raggaasiseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.