Fana: At a Speed of Life!

Ministirri Raayyaa Ittisaa obbo Lammaan gitasaanii Faransaay waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 23, 2012 (FBC) – Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI obbo Lammaa Magarsaan ministira Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Faransaay Floorans Paarlii waliin mari’atan.

Marichi kan gaggeeffame Faransaay, Hooteel dee Briyanitti.

Obbo Lammaadhaf simannaan kabajaa guutuun taasifameefira.

Obbo Lammaan Eetaamaajoora Raayyaa Ittisa Biyyaa Faransaay Bernaand Roojal waliinis mari’ataniiru.

Marii taasisaniin humna galaanaa fi humna qilleensaa ammayyaa’aa ijaaruurratti waliin hojjechuuf waliigalaniiru.

Obbo Lammaa Magarsaan ministir deettaa Ministeera Dhimma Alaa Faransaay Zhiyaan Baabtiist Leemoyn waliin mari’achuun isaanii ni yaadatama.

Jilli ministira Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI obbo Lammaa Magarsaatin duurfamu torbee darbee kaasee Faransaayitti daawwii hojii taasiseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.