Fana: At a Speed of Life!

Ministirri Raayyaa Ittisaa Dooktar Abrahaam Balaay Ministir Deetaa Raayyaa Ittisaa Kuwaataar waliin mari’atan

Finfinnee, Guraandhala 25, 2016 (FBC)-Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisaa Dooktar Abrahaam Balaay fi Itamaajoor Shumiin Ittaanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Jeneraal Ababawu Taaddasaan Ministir Deetaa Dhimmoota Raayyaa Ittisaa Kuwaataar Kaaliid Biin Mahaammad Al Atiyaah waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin dhimmoota waloo akkasumas hariiroo walta’iinsaa biyyoota lameenii cimsuu haalota dandeessisanirratti kan xiyyeeffate ta’uu The Peninsula Kuwatar gabaaseera.

Maricharratti Kuwaataaritti Ataasheen Itiyoophiyaa Birgaader Jeneraal Mahaammad Alii Al Hajirii akkasumas qondaaltoni olaanoo biyyootaa lameenii argamaniiru.

Marichis Koonfiraansii fi egzibiishinii Raayyaa Humna Galaanaa Idil Addunyaa Dohaa 8ffaan gaggeeffamuun dursee ta’uun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.