Fana: At a Speed of Life!

Ministirri Nageenyaa Chaayinaa dandeettii Qorannoo Ashaaraa Poolisii Federaalaa guddisuuf deeggarsa akka taasisu ibse

Finfinnee, Fulbaana 3, 2016 (FBC)- Ministirri Nageenyaa Ummata Chaayinaa dandeettii Qorannoo Ashaaraa Poolisii Federaalaa guddisuuf deeggarsa akka taasisu ibseera.

Komishinarri Jeneralaa Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabiramikaa’el jila Ministira Nageenya Ummata Chaayinaatti Ittaanaa Daayirektara Dippaartimantii Idil Addunyaa Koomiishinar Zhihaawuy Zhiwuun durfamu waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin baraa Faranjootaa Adoolessaa 10, 2023 waliigalteen Poolisiin Federaalaa fi Ministira Nageenya Ummata Chaayinaa cimee akka itti fufuuf kan kaayyeffateedha jedhameera.

Ministirri Nageenyaa Ummata Chaayinaa dandeetti Qorannoo Ashaaraa Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa guddisuuf giddugala Beekumsaa Qorannoo Ashaaraa Yuunivarsiitii Poolisii Itiyoophiyaan ijaaramaa jiruuf deeggarsa galtee fi leenjii akka taasisu waliigalteerra ga’amuun himameera.

Dabalataan jilichi Waajjiraa Olaanaa Qorannoo Yakkaa Poolisii Federaalaa Fi Giddugala Qorannoo Ashaaraa daawwachuu ragaan Poolisii Federaalaa irraa argame n imul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.