Fana: At a Speed of Life!

Ministirri Muummee Riippaabliika Cheek daawwannaa hojiif Finfinnee galan

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ministira Muummee Riippaabliika Cheek Piitar Fiiyaalaa daawwannaa hojiif Finfinnee dhufan simatan.

Piitar Fiyaalaan waayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’an Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad dabalatee hoggantoota mootummaa olaanoon simatamaniiru.

Ministirri Muummee kun guyyoota lamaaf Itiyoophiyaatti daawwannaa hojii taasiisu jedhame.

Dhimmoota waloo biyyoota lamaanirratti marii ni taasiisuun eegama.
Turtii isaaniin Itiyoophiyaan booda gara Keeniyaa, Gaanaa, Naayijeeriyaa fi Kootdivaayeeritti imaluun eegama.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.