Fana: At a Speed of Life!

Ministirri Muummee muuxannoo Itiyoophiyaan indaastirii magariisaa hordofuurratti qabdu qoodaniiru-Billenee Siyyum

Finfinnee, Sadaasa 18, 2016 (FBC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktara Abiy Ahimad Itiyoophiyaan tarsiimoo indaastirii magariisaa hordoftu ilaalchisee muuxannoo qabdu Yaa’ii Misoomaa Indaastirii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniirratti qooduu Itti Gaafatamtuun Pirees Sekireetaariyaatii Waajjira Ministira Muummee Billenee Siyyum himan.

Billenee Siyyum turtii Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Ostiriyaa Veenaatti taasisan ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Yaa’icharrattis Itiyoophiyaan damee indaastiriin bu’aa argamsiisaa jirtuu fi tattaaffi ishee ilaalchisuun muuxannoo qooduu ibsan.

Daayrektarri Olaanaa Dhaabbata Misooma Indastirii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii muuxannoo Itiyoophiyaa akka fakkeenyaatti kaasaa turuus ibsaniiru.

Itiyoophyaan waggoottan shanan darban fooyya’iinsa diinagdee mirkaneessaa jirtu kaasuun, keessumaa oomishtummaan qamadii Itiyoophiyaa dachaa sadiin dabaluun muuxaannoo olaanaa ta’uu himaniiru.

Haaluma kanaan biyyattiin taattaffiiwwan wabii nyaataa mirkaneessuuf taasisaa jirtu Daayrektarri Olaanaa Dhaabbata Misooma Indaastirii ragaa bahuu dubbatan.

Indaastiriiwwan babal’isuun walqabatees damichaan hojileen gaggeeffamanin hojiileen haqa qabeessa akka hojjetamanii fi biyyoonni akka Itiyoophiyaa sona dabaluun diinagdee guddisuu fi galii lammiilee akka dabalu taasisuurraatti yaadasaanii qooduu ibsan.

Dooktar Abiy yaa’icharratti yaada dhiyeessniin, Itiyoophiyaan waggoottan shanan darban gama imaammataan jijjiiramoota hedduu fidaa jiraachuu kaasaniiru.

Kana malees, haala mijataa invastimantii uumuu, diinagdee gooroo tasgabbeessuuf fooyya’iinsi taasifamuun, misooma indaastiriif muuxannoon qabdu haala mijataa kan uumuuf ta’uu ibsuu dubbataniiru.

Dabalataanis, damee maanufaakchariingii, qonnaa, teeknooloojii qunnamtii odeeffannoo, albuudaa, tuuriizimiin jijjiiramaa Itiyoophiyaan fidaa jirtuu ilaalchisee muuxannoo jiru qooduu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan tarsiimoo misooma indaastirii magariisaa hordoftu ilaalchisuun hojiilee hojjetamaniin humnoota haareffamaniin walqabatee adeemsa indaastirii babal’isuu gaggeeffamu magariisummaa kan giddugaleeffate akka ta’u yaa’icharratti ibsuu himaniiru.

Kunis biyyattiin, tarsiimoo magariisaan dandeettii olaanaa akka qabduu fi kanneen biroorraa muuxannoo horachuun fuulduratti tarkaanfachuu akka dandeessuu kaasuus eeraniiru.

Akkasumas Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Chaansilaraa Ostiriyaa Kaarli Neheemaan waliin marii taasisaniin biyyoonni lameen hariiroo isaanii cimsuu fi damewwan walta’iinsaa biroorratti xiyyeeffachuun hojjechuu akka barbaadan dubbachuu Billenee Siyyum himaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.