Fana: At a Speed of Life!

Ministirri Muummee Hindii waldhabdee Raashiyaa fi Yuukreen gidduu jiruuf jaarsummaa taa’uuf Kiiyev galan

Finfinnee, Hagayya 17, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee Hindii Naareendiraa Moodiin waldhabdee Raashiyaa fi Yuukreen gidduu jiruuf jaarsummaa taa’uuf Kiiyev galaniiru.

Naareendiraa Moodiin waldhabdee Raashiyaa fi Yuukreen gidduu jiru furuuf Pireezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waliin erga mari’atanii booda kan Yuukreen Vooloodiimiir Zelaniskii waliin mari’achuuf Kiiyev galaniiru.

Waraanni biyyoota lamaanii dhaabbachuun nageenyi akka bu’u Hindi waamicha dhiyeessaa turuun kan yaadatamuudha.

Rakkoon wal waraanuun furamaata argatu hin jiru jedhan Naareendiraa Moodiin.

Waldhabdeeb biyyoota lamaanii mariin akka furamu Hindi tumsa barbaachisu kan taasiiftu ta’uu dubbachuu isaanii CNN gabaaseera.

#Ashaaraa_Magariisaa #Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.