Fana: At a Speed of Life!

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Ministira Muummee Hindi galateeffatan

Finfinnee, Sadaasa 7, 2016 (FBC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ministira Muummee Hindii Narandiraa Moodiin galateeffatan.

Dooktar Abiy Yaa’ii hoggantootaa Sagalee Kibba Addunya 2ffaarratti viidiyoo koonfiraansiin hirmaataniiru.

Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, “Ministirri Muummee Hindii Nareendiraa Moodiin Yaa’ii 2ffaa hoggantootaa Sagalee Kibba Addunya qopheessuu isaanii nan galateeffadha” jedhan

Biyyootaa Kibba Addunyaa (Global South) gidduu walta’iinsa jiru cimsuu, sagalee tokkoon dubbachuu, dhimma diinagdee addunyaa keessatti gahee olaanaa bahachuu akkasumas barbaachisummaa dandeettiiwwan kalaqaa fi hubannoo namtolchee fayyadamuu ilaalchisuun yaada qooduu himaniiru.

Dandeettiiwwan bal’aa jiranii fi galmoota misooma waloo jiran yoo xiinxallu Kibbi Addunyaa (Global South) guddina tumsa diinagdee Kibba-Kibbaf (South-South) humna guddaa akka qabu ni hubanna jedhan.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.