Fana: At a Speed of Life!

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad barattoota Hubannoo Namtolchee leenji’aa turan eebbisiisan

Finfinnee, Sadaasa 1, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad sagantaa Gannaan barattoota sadarkaa 2ffaa Hubannoo Namtolchee leenji’aa turan eebbisiisaniiru.

Barattoonni hubannoo namtolchee qorachuu fi beekuu akka danda’aniif sagantaa Gannaan leenji’a turuu Dooktar Abiy kaasaniiru.

Barattoonni kunneen abdiiwwan egeree Itiyoophiyaa ta’uu eeruun hubannoon namtolchee itti fufiinsa biyyaa fi addunyaaf barbaachisaadha jedhaniiru.

Dameewwan qonnaa fi kanneen biroo fooyyessuuf hubannoon namtolchee barbaachisaa fi murteessaa ta’uu eeruun cinaa gaarii nama fayyaduu danda’urratti xiyyeeffachuun hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.

Inistiitiyuutiin Artifiishaal Intalajansii Itiyoophiyaa sagantaa Gannaan barattoota sadarkaa 2ffaa leenjii hubannoo namtolchee hordofaa turan guyyaa har’aa eebbisiiseera.

Leenjichis beekumsaa fi hubannoo barattoonni sadarkaa 2ffaa hubannoo namtolcheerratti qaban cimsuuf kan kaayyeeffate ta’uun ibsameera.

Yismaawu Adaraawutu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.