Fana: At a Speed of Life!

Ministirri Ministeera Nageenyaa obbo Binnaalf Anduu’alam Ityoophiyaatti Ambaasaddara Jaappaan waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2014 (FBC) – Ministirri Ministeera Nageenyaa obbo Binnaalf Anduu’alam Ityoophiyaatti Ambaasaddara Jaappaan Ittoo Taakaakoo waliin dhimmoota biyyaalessaa waloorratti mari’atan.

Ityoophiyaatti hojiilee ijaarsa nageenya waaraa, waliigaltee biyyaalessaa uumuu fi lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif  deeggarsa namoomaa taasisuu fi deebisanii dhaabuu ilaalchisee hojjetamaa jiran irratti obbo Binnaalf ibsa laataniiru.

Ambaasaaddar Ittoo Taakaakoon gamasaaniin Jaappan hoggansa hojii yeroo gaaga’amaan muuxannoo gaarii kan qabdu ta’uu kaasuun Yuunvarsiitiiwwan Jaappaanii fi  Yuunvarsiitiiwwan Ityoophiyaa gidduutti walitti hidhamiinsa uumuun  barsiifata nageenyarratti waliin hojjechuu akka barbaadan ibsaniiru.

Marii biyyaalessaa gaggeeffamuuf jedhu, deeggarsa namoomaa fi hojiiwwan lammiilee qe’ee fi qabeenyasaaniirraa buqqa’an deebisanii dhaabuuf hojjetaman deeggaruuf mootummaan Jaappaan qophii ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Nageenyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.