Ministirri Ministeera maallaqaa fooyya’iinsa diinagdee Ityoophiyaa fi nageenyaa naannicharratti barreessaa olaanaa IGAD walii mari’atan
Finfinnee, Bitootessa 6, 2013 (FBC) – Ityoophiyaa fi Mootummoonni Misoomaa Baha Afrikaa IGAD fooyya’iinsa diinagdse fi ijaarsa dhaabbilee biyyoota miseensa dhaabbatichaa haala cimsuun danda’amurrati marii taasiisanii
Ministirri Ministeera maallaqaa obbo Ahimad Shiideen fooyya’iinsa diinagdee Ityoophiyaa fi nageenyaa naannicharratti barreessaa olaanaa IGAD Dooktar Warqinaa Gabayyoo walii mari’ataniiru.
Hariiroo siyaasaa, hawaasummaa fi nageenya naannichaa tumsaan cimsuun walitti dhufeen diinagdee guddisuun barbaachisaa ta’uu obbo Ahimad Shiideen dubbataniiru.
Tumsi kun biyyota miseensa ta’an hunda fayyadamoo kan taasiisuu fi keessattuu nageenyaa fi tasgabbii naannichaaf murteessaa ta’uu eeraniiru.
Barreessaa olaanaan IGAD Dooktar Warqinaa Gabayyoon gama isaaniin sagantaalee IGAD sirnaan hojiitti hiikuun ijaarsa dhaabbataaf faayidaa qabu ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.
Nagaa fi tasgabbii naannichaaf dhaabbatichi Ityoophiyaa waliin qindoominaan hojjechuu itti fufa jedhan.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.