Ministirri Ministeera Haqaa hoggantoota diyaaspooraa Beeljiyeemii fi Neezarlaand jiraatan waliin mari’atan
Finfinnee, Waxabajjii 12, 2014 (FBC) – Ministirri Ministeera Haqaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos hoggantoota diyaaspooraa Beeljiyeemii fi Neezarlaand jiraatan waliin dhimmoota haala yeroo biyyaalessaarratti mari’atan.
Dooktar Geediyoon hoggantoota diyaaspooraa naannawaa Biraasals jiraatan waliin qaamaan warreen Neezarlaand jiraatan waliin ammoo gama viidiyoo konfiransiin mari’ataniiru.
Dooktar Geediyoon hojiilee deeggarsaa diyaaspooraan waggoottan sadan darbanitti hojjetaman ilaalchisee galateeffataniiru.
Hirmaannaa diyaaspooraa dinqisiifachuun, hirmaannaan isaanii cimee akka itti fufu gaafachuu ragaan Imbaasii Ityoophiyaa Biraasalsitti argamurraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.