Ministirri Ministeera Haqaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa waliin mari’atan
Finfinnee, Caamsaa 12, 2014 (FBC) – Ministirri Ministeera Haqaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos Ityoophiyaatti Dhimma Raawwachiistuu mootummaa Ameerikaa Ambaasaaddar Tireesii An Jaakoobsan waliin mari’ataniiru.
Marisaaniin Ityoophiyaatti jijjiirama hordofee fooyya’iinsa seeraa fi bilisummaa miidiyaa irratti mari’achuu ibsameera.
Dabalataanis hojii humna waloo ministirootaa dhiibbaa mirga namoomaa wayita walitti bu’iinsaa raawwataman qoratu irrattis mari’achuu ragaan Ityoophiyaatti imbaasi Ameerikaarraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.